Dorgommiin Ogummaa humna namaa damee kana gaggeessuu danda’u horachuuf nigargaara

Ebla 21/2017(TOI)- Dorgommiin Ogummaa barattoota jidduutti taasifamu humna namaa ga’oomaa damee kana gaggeessuu danda’u horachuuf akka gargaaru de’eetaan ministiraa hojii fi ogummaa Salamoon Sokkaa ibsan.

Dorgommiin sagantaa jalqabsiisa ogummaa biyyaalessaa 4ffaa fi torbeen turizimii fi kessummeessaa 12ffaan raawwatameera.

De’etaan ministiraa hojii fi ogummaa Salamoon Sokkaa, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii leenjii Tuurizimii Geetaachoo Nagaash akkasumas hooggantoonni olaanoo ministeera tuurizimii saganticharratti argamaniiru.

Obbo Salamoon Sokkaa wayita kana akka jedhanitti, dorgommiin ogummaa yeroo yerootti adeemsifamu damee kanaaf humna namaa ga’oome horachuuf humna guddaa kan ta’udha.

Barattoonni dorgommii biyya keessaa fi biyya alaarratti akka hirmaatan carraa kan uumuuf ta’uu kaasaniiru.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii leenjii Turizimii Geetaachoo Nagaash gamasaaniin, dameen Turizimii namoota ogummaa qabaniin akka gaggeeffamu gochuuf  Inistiitiyutichi hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Dorgommiin sagantaa jalqabsiisa ogummaa biyyaalessaa 4ffaa fi torbeen turizimii fi kessummeessaa 12ffaan mata duree “sammuu ifaa lammiilee ogommaan ga’ooman” jedhuun har’a Ebla Ebla 21 fi Ebla 22 bara 2017 ni’adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015