Gamtaan waldaa diyaasporaa Itiyoophiyaa hundaa’e - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan waldaa diyaasporaa Itiyoophiyaa hundaa’e
Ebla 21/2017(TOI)- Gamtaan waldaa diyaasporaa Itiyoophiyaa waldaalee diyaasporaa naannolee fi bulchiinsota magaalaa ofkeessatti qabachuun yeroo jalqabaaf hundaa’uusaa daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitshum Araggaa ibsan.
Walgahii hundeeffama gamtichaa irratti danbiin hundeessaa fi ittiin bulmaataa ragga’uusaa fi miseensonni Boordii, Piirezidaantiin, itti aanaan pirezidaantii fi barreessaan muummee filatamuusaa daarektarri olaanaa kun eeraniiru.
Gamtichi dhimmoota diyaasporaa ijoo ta’anirratti akka hojjetu akka abdatame ambaasaaddar Fitsum ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa nimul’isa.