Waldichi hojii Komishinichi waldhabdeewwan jiran mariin bu’uura irra furuuf hojjetu keessatti qoodasaa ni baha - ENA Afaan Oromoo
Waldichi hojii Komishinichi waldhabdeewwan jiran mariin bu’uura irra furuuf hojjetu keessatti qoodasaa ni baha

Ebla 21/2017(TOI)-Komishiniin marii biyyoolessaa waldhabdeewwan Itiyoophiyaa keessa jiran mariin bu’uura irraa furuuf tattaaffii taassisu keessatti qooda isaa bahaa jiraachuu waldaan barsiisota Itiyoophiyaa beeksise.
Waldhabdeewwan Itiyoophiyaa keessatti mudachaa jiran mariitiin furuun akka danda’amuu komishiniin marii biyyoolessaa hunda’ee gara hojiitti galeera.
Komishinichi erga hundaa’ee eegalee dhimmoota Murteessoo biyyaa irratti waldhabdee jiru mariin furuuf xiyyeffatee hojjechaa jira.
Pirezidaantiin waldaa barsiisota Itiyoophiyaa Dr.Yohaannis Bantii TOI tiif akka ibsanitti, rakkoowwan jiran furuuf mariin ala furmaata fiduun hin danda’amu jedhaniniiru.
Itiyoophiyaatti, Dhimmoota wal dhabde ta’an irratti marii’achuun furuuf adeemsa jiru deeggaruuf komishinii marii biyyoolessaa waliin walii galtee mallatteessuu ibseera.
Qaamni kamiyyuu rakkoowwanii fi gaaffiiwwan kaasan mariitiin, karaa nagaa ta’een akka hiikan gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti waggoota dheeraaf rakkoowwan mudatan Afaan waraanaan furuuf yaaliin gaggeffamaa turus , furmaata fiduun akka hin danda’amne dubbataniiru.
Waldhabdeewwan jiran bu’uura irraa furuuf waraanaan ala mariif dursa kennuun akka malu ibsaniiru.
Pirezidaantichi qaamni dhimmi ilaallatu hundi komishinicha deeggaruun qooda isa bahuu qaba jechuun dhaamaniiru.
Kanaafis, Naannoolee hundatti, milkaa’ina marichaaf sadarkaa Aanaa eegalanii miseensonni jiran deeggarsa gochaa jirachuu ibsaniiru.
Marichi Itiyoophiyaaf barbaachisaa ta’uu ibsuun, haala caasaa barsiisotaan sadarkaan jiruu, Ajandaa adda baasuun komishinichaaf dhiheessuu ibsaniiru.