Dureeyyiin hojiilee misoomaa naannichaa deeggaruun gumaacha olaanaa taasisaa jiru-Obbo Ashaadlii Hasan - ENA Afaan Oromoo
Dureeyyiin hojiilee misoomaa naannichaa deeggaruun gumaacha olaanaa taasisaa jiru-Obbo Ashaadlii Hasan

Ebla 21/2017(TOI)- Dureeyyiin hojiilee misoomaa naannichaa deeggaruun gumaacha olaanaa taasisaa akka jiran bulchaan naannichaa Obbo Ashaadlii Hasan dubbatan.
Sagantaan marsaa lammaffaa misooma naannichaaf galii walitti qabuu magaalaa Asoosaatti adeemsifameera.
Bulchaan naannichaa obbo shaadlii hasan sanantachirratti akka ibsanitti,, dureeyyiin misoomsitoonni naannichatti argaman pirojektoota misoomaa naannichatti hojjetaman deeggaruun gumaacha guddaa taasisaa jiru.
Keessumaa deeggarsi maallaqaa hojii misoomaa kooriidarii fi Aspaaltii magaalaa Asoosaatti hojjetamaa jiruuf taasisaa jiran deeggarsa guddaa dha jedhaniiru.
Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaan walqabatee magaalaa Asoosaa wiirtuu Turizimii gochuuf pirojektoonni gurguddoon akka hojjetaman eeraniiru.
Kanaaf dureeyyiin deeggarsa taasisan ciminaan akka itti fufan gaafataniiru.
Sagantaa galii walitti qabuuf marsaa jalqabaaf taasifameen birriin miiliyoona 173 caalu wadaa galamuu eeranii, kana keessaa irra caalaan galii taasifamee hojii misooma kooriidarii fi Aspaaltiif ooluusaa kaasaniiru.
Waltajjii har’aatiinis maallaqni birrii miiliyoona 41 ta’u waadaa galameera.