Itiyoophiyaan Birazilii fi Ruusiyaa waliin Hariiroo gam-lamee fi tumsa qabdu cimsuuf akka hojjettu ibsite - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Birazilii fi Ruusiyaa waliin Hariiroo gam-lamee fi tumsa qabdu cimsuuf akka hojjettu ibsite

Ebla 21/2017 (TOI)-Itiyoophiyaan, Birazilii fi Ruusiyaa waliin Hariiroo gam–lamee fi tumsa qabduu cimsuuf kutannoo qabaachuu beeksisste.
Wal-gahiin Ministeerota Dhimma Alaa 2025 Biriiksi Biraazil Riyodejenerotti gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaan Ministiroota dhimma Alaa isheetiin walgahicharratti hirmaachaa jirti.
Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootewoos walgahicha cinatti, Ministira dhimma Alaa Biraazil Mawuro Viyora fi Ministira Dhimma Alaa Ruusiyaa Sergee Lavroov waliin mari’ataniiru.
Marii Viyora waliin taassisaniin Biraazil bara 2025tti Pirezidantii Biriiksi ta’uun hojii Milkaa’ina qabu raawwachuu ishee Itiyoophiyaan dinqisifattee, Itiyoophiyaanis kallattii Xiyyeffannoo irratti deeggarsa akka gootu ibsiteetti.
Gareen lameen marii isaaniin dhimmoota waliin hojjechuu dandahan wabii nyaataa mirkaneessuu, omisha qonnaa, Riiformii Dhaabbiilee bulchiinsa Adunyaa, cehumsa Aniisaa fi sagantaa misooma bosonaa irratti marii’ataniiru.
Ministir Mawuro Biraazil A.L.A bara 2024 pirezidantii garee biyyoota 20 yeroo turtetti inisheetivoota raawwacha turte kaasuun, Itiyoophiyaan deeggarsa gooteef galateeffatteetti.
Itiyoophiyaan miseensa boordii farra Hiyyummaa fi Beela Addunyaa tahuun hojii hojjechaa jirtu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun Ministirri dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr.Geediyoon Ximootewoos Ministira Dhimma Alaa Ruusiyaa Sergee Laavroov waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan tumsa hunda galeessa jabaachaa dhufuu ibsuun, walitti dhufeenya sana gara sadarkaa olaanaatti guddisuun akka qaban ibsaniiru.
Sergee Laavroov gama isaaniin Ruusiyaan Itiyoophiyaa waliin hariiroo seenaa qabeessa qabdu tumsa gamlamee fi filannowwan deeggarsa jiran caalmaatti cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
Dr. Geediyoon Ximootewoos watajjicha cinaatti, gita isaanii biyyoota miseensa Biriiksi waliin marii gamlamee akka taassisan odeeffannoon Ministeera dhimma Alaa irraa argame nimul’isa.