Magaalaawwan Itiyoophiyaa yaadama magaalaa ammayyaatiin guddina saffisiisuu qabu-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Ebla 21/2017(TOI)- Magaalaawwan Itiyoophiyaa walharkaa fuudhinsa dhalootaatiin guddina saffisiisuu akka qaban Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Sagantaa misooma Gondariif galii walitti qabuuf Finfinnee Hoteela Sharaatanitti mata duree “Gondoriin haa dabaallu” jedhuun qophaa’erratti  birrii biiliyoona  lama tuqaa lamaa ol waadaa galamuun xumurameera.

Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, Bulchaan naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad, gaggeessitoonni mootummaa naannolee fi federaalaa, dureeyyii fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.

Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee wayita kana ergaa dabarsaniin, kanin asitti argameef lammiilee Itiyoophiyaa misoomaaf tattaafatanii fi cimanii hojjetan galateeffachuufi jedhan.

Misoomni kooriidarii yaada guddaa ta’uu ibsanii, magaalaaleen bu’ura guddinaa waan ta’aniif qabeenya, yaada, guddina fi baroota walitti fiduu akka qaban ibsaniiru.

Guddummaan Itiyoophiyaa Seenaashee qofa miti kan jedhan Pirezidaant Taayyeen, bu’urrisaa yaadama jaalala ummannishee biyyaaf qabaniin kan walkeessa guduunfame ta’uu dubbataniiru.

Tarkaanfii murteessaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Masaraawwan Gondar diigamuu jalaa baraaruuf fudhataniif galateeffataniiru.

Sagantaa misooma Gondariif galii walitti qabuuf qophaa’e irratti gumaacha kan taasisan galateeffataniiru.

Bulchaan naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa gamasaaniin, seenaa magaalaa Itiyoophiyaa keessatti magaalaa irraa amma aartiitti, qaroominarraa amma ashaaraa seenaatti  Gondar Magaalaawwan hedduuf fakkenya taati jedhan.

Haa ta’u malee misooma irraa fagaattee bakka jirtutti dhaabachuun ishee mudatee akka ture yaadachiisaniiru.

Kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin haaromsi hambaalee fi misoomaa Gondar jiraattota magaalattii biratti dinqisiifatameera jechuun ibsan.

Kantiibaan magaalaa Gondar obbo Chaalaachoo daanyewu magaalaan Gondar seenaa bara dheeraa qaroominaan walitti hidhate qabaattus bu’ura misoomaa bara fakkaatu hinqabdu.

Kun hundi akka dhaabatu daandii ifaa kan banan ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad galateeffataniiru.

Dhaabbileen misoomaa mootummaa federaalaa, mootummoonni naannolee, dhaabbieen maallaqaa, dureeyyiin maallaqaan deeggaruuf waadaa kan galan yoo ta’u, sagantaan kun amma Caamsaa 30 bara 2017tti qophiilee garagaraan akka itti fufu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015