Sagantaan Marii misooma umrii Daa’imummaa jalqabaarratti xiyyeeffate Dirree Dawaatti  gaggeeffamaa jira

Ebla 21/2017(TOI)-Bulchiinsa Magaala Diree Dawaatti Sagantaan misooma umrii Daa’imummaa jalqabaarratti xiyyeeffate hojiirra oolchuuf  mariin gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon marichaas,  fuulduratti dhaloota biyya  itti fufsiisu uumuuf daa’imman irratti amma eegaluun haala mijataa uumuuf ta’uun ibsameera.

Waltajjicha irratti qorannooon bulchiinsa Magaalichaatti, Daa’imman umuriin isaanii waggaa ja’aa gadi tahan rakkoowwan bu’uuraa fi furmaata isaa irratti xiyyeeffate dhihaatee mariin  gaggeeffamaa jira.

 Sagantichi Magaalaa Finfinneetti hojiira ooluu kan jalqabe yoo ta’u, itti fufee Magaalaa

Diree Dawaa fi  Magaalota birootti  babal’achaa jiraachuu ibsaniiru.    

Maricha irratti miseensa Mana Mareetti walitti qabduun Koree dhaabbataa dhimma Fayyaa, Misooma Hawaasummaa fi Ispoortii, Aaadde warqisew Maammoo, de’eetaa  Ministira Fayyaa  Dr.Darajjee  Dhugumaa, hoj-iraawwachiisaa olaanaan Misooma Daa’immanii Afriikaa, Dr.Kabbadaa Warquu fi Kantiibaan Magaalaa Diree Dawaa  Kadir Juhaarii fi  Hoggantoonni Mootummaa Biroon hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015