Itiyoophiyaan wiirtuu Istart aappii fi Teeknooloojii ta’aa jiri-Ministira Dr. Ballaxaa Mollaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan wiirtuu Istart aappii fi Teeknooloojii ta’aa jiri-Ministira Dr. Ballaxaa Mollaa
Ebla 21/2017(TOI)-Itiyoophiyaan tumsa mootummaa fi dhuunfaan wiirtuu Istart aappii fi Teeknooloojii ta’aa akka jirtu Ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa beeksisan.
Walgahiin ministiroota barnoota, ‘ICT’ fi ogummaa Afriikaa “Innoveeshin Afriikaa 2025” mata duree “Jaarraa 21ffaa keessa Afriikaa walitti fiduu fi ga’oomsuu” jedhuun taa’amaa jira.
Yaa’iin sadarkaa Afriikaatti taa’amuu fi ministeerri barnootaa, ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi ministeerri hojii fi ogummaa Afriikaa Bireeyin waliin ta’uun qopheessan har’a guyyaa lammaffaasaati.
Yaa’iin Innoveeshin Afriikaa 2025 riifoormii, gabbisa dandeettii, cehumsa teeknooloojii fi innoveeshinii akkasumas tumsa tarsiimawaa uumuun carraa Afriikaa egeree murteessuuf kan kaayyeffatedha.
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa marii paanaalii mata duree “cehumsa innoveeshinii fi barnootaaf, dandeettii dijitaal teekinooloojii guddisuu” jedhuun adeemsifamu jalqabsiisaniiru.
Yaa’iin Innoveeshin Afriikaa 2025 biyya badhaatee fi teeknooloojiin guddatte dhugoomsuuf taatee murteessaadha jedhan ministirichi wayituma kana.
Dargaggoonni dijitaal teeknooloojii akka gabbifatan taasisuun filmaata osoo hinta’iin dirqama ta’uu dubbataniiru.
Dinagdee dijitaalaa innoveeshinii fi teeknooloojiirratti hundaa’e Afriikaa keessatti guddisuun carraaqqii waloo akka gaafatu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan tumsaan hojjechuun dandeettii kalaqaa hunda fayyadamuun dirree dijitaalaa mijataa dargaggootaaf uumuuf kutannoo qabdi jedhaniiru.
Dandeettii dorgommii Afriikaan idil addunyaatti qabdu guddisuuf dargaggoota barnoota Sayinsii, Teeknooloojii, Injiinariingii fi erragaan ga’oomsuun akka barbaachisu eeraniiru.
Itiyoophiyaan tumsa mootummaa fi dhuunfaan wiirtuu Istart aappii fi Teeknooloojii ta’aa jirti kan jedhan ministirichi, Industiriiwwanii fi dhaabbilee barnootaa jidduutti tumsa cimsuun kalaqxootaan haalli mijataa akka jiraatu taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoolee keenyaaf furmaata kaa’uuf dandeettii Innoveeshinii hunda fayyadamuun akka barbaachisu ibsanii, Itiyoophiyaan Istaart aappii guddisuuf imaammata qopheessaa akka jirtu dubbataniiru.