Hojiilee damee daldalaan hojjetamaniin bu’aan guddaan argameera-Ministir Dr. Kaasaahun Goofee - ENA Afaan Oromoo
Hojiilee damee daldalaan hojjetamaniin bu’aan guddaan argameera-Ministir Dr. Kaasaahun Goofee

Ebla 21/2017 (TOI)- Hojiilee damee daldalaan hojjetamaniin bu’aan guddaan argamuu Ministirri daldalaa fi walitti hidhata riijinii Dr. Kaasaahun Goofee ibsan.
Ministeerri daldalaa fi walitti hidhata riijinii,dhaabbileen itti waamamtootaa, biiroleen misooma gabaa naannoo fi bulchiinsa magaalaa raawwii karoora baatii sagalii qorachaa jiru.
Ministirri daldalaa fi walitti hidhata riijinii Dr. Kaasahuun Goofee Wayita kana akka jedhanitti, baatii sagal darban daldalarratti hojiin guddaan hojjetameera.
Dameelee garagaraan bu’aan olaanaan hojjetamuu ministirichi dubbataniiru.
Gargaarsa teeknooloojiitiin namoota tajaajila barbaaddota miiliyoona 2 tuqaa 6f galmeen toora interneetii irratti akka kennamu, akkasumas sakatta’iinsa hayyama daldalaa miiliyoona 2 tuqaa 2f hojiin inspeekshinii kanaan dura hin turre akka raawwatame eeraniiru.
Gabaa Sanbataa fi Dilbataa babal’isuun, sirna daldala simintoo akkasumas kanneen biroo hojiirra oolchuun dhiyeessii akka dabaluu fi gatii akka tasgabbaa’u taasisuudaa isaniiru.
Raawwiin daldala alaa sadarkaa olaanaan galmaa’uu isaa fi bara bajataa kana ji’oota sagal keessatti doolaarri biiliyoona 5 tuqaa 3 argamuu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaanmiseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa akka taatuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuus Ministirri kun beeksisaniiru.
Gamaaggamni guyyoota lamaaf gaggeeffamu kun hojiiwwan damee daldalaa naannolee keessatti ji’oota sagal darbanitti raawwataman irratti kan xiyyeeffatu ta’a.