Hojiin Qonnaa Naannoo Harariitti hojjetame Uummaticha gara omishtummaatti ceessiseera - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Qonnaa Naannoo Harariitti hojjetame Uummaticha gara omishtummaatti ceessiseera

Harar Ebla 21/2017 (TOI)- Hojiin Qonnaa baatiiwwan sagal darban Naannoo Harariitti hojjetame Uummaticha gara omishtummaatti ceessiseera jedhan jechan Itti Aantuun Pirezidantii Naannichaa fi Itti Gaafatamtuun Biiroo Qonnaa Aadde Roozaa Umar.
Naannoo Harariitti bara baajatichaa baatiiwwan saglan darbanitti hojiiwwan qonnarratti hojjetaman uummaticha gara omishtummaatti ceessisaa jira.
Hojiiwwan Qonnaa Naannichatti filannoowwan adda addaan Misooman bu’aa argisiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti Aantuun Pirezidantii Naannichaa fi Itti Gaafatamtuun Biiroo Qonnaa Aadde Roozaa Umar akka jedhanitti, aanaa baadiyaatti filannoowwan jallisii adda addaa fi qaltee omishaa faayyadamuun lafa hektaara kuma 4 fi 500n irratti kuduraa fi muduraan omishaman Wabii nyaataa Qonnaan bulaa fi Hawaasa Magalichaa Mirkaneessaa jira jedhaniiru.
Qonnaan bulaan waggaatti yeroo sadii omishuun kuduraa fi muduraa, omisha midhaanii hawaasa magaalaatiif gatii madaalawaan dhiheessuun omisha qonnaa irratti qaala’insa gatii jiru hanbisuu danda’uu kaasaniiru.
Ammaan dura sababoota adda addaan lafa otoo hin omishamiin hafan inisheetivii bisingaan kilaasteraan misoomsuun baatiiwwan saglan darbanitti qofa abbaan warraa kuma 1 fi 800 gargaaramuu jalaa bahuun omishuu danda’uu isaanii hubachiisaniiru.
Naannichatti Aanaa magaalaa fi baadiyaatti dargaggoota hirmaachisuu inisheetivii qonnaan hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran babal’achaa akka jiran ibsaniiru.
Bu’aawwan hojii misoomaa kun kan jajjabeeffaman ta’us, dhi’eessii nyaata horiin walqabatee hanqinoota jiran furuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Biiroo Qonnaa naannichaa Aadde Roozaa Umar ibsaniiru.