Hojiin misooma kooriidarii magaalaa Duramee kiiloomeetira 25 si’achaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiin misooma kooriidarii magaalaa Duramee kiiloomeetira 25 si’achaa jira

Ebla 21/2017 (TOI)- hojiin misooma kooriidarii magaalaa Duramee kiiloomeetira 25 miidhagina magaalattii jijjiiruu fi misoomashee saffisiisu si’achaa akka jiru bulchiinsi magaalatti beeksise.
Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Taarraqany Tasfaayee Magaalaa Duraamee jiraattotaa fi invastarootaaf akka tolttu hojiin misooma Kooriidarii k.m 25 hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Jiraattonni magaalichaa milkaa’ina hojii kanaaf qabeenyasaanii birrii miiliyoona 79tti tilmaamamu fedhiisaaniin kaasuusaanii ibsaniiru.
Hojiin misooma kooriidarii kun birrii miiliyoona 500 akka barbaachisu ibsaniiru.
Jiraattota magaalichaa TOI’f yaada kennan keessaa adde Elsaabeex Xummisoo akka jedhanitti hojii magaa Duraamee misoomsuuf hojjetamaa jiranitti gammadaniiru.
Jiraataan magaalaa Duraamee Obbo Dammallaash Hayilamikaa’el gamasaaniin, hojiileen kooriidarii fi misoomni biroo mootummaan itti jiru karaa addaaddaa hawaasa fayyadaa akka jiran dubbataniiru.
Magaalattii jiddugala tuurizimii gochuuf hojiin kun kan deeggaru yoo ta’u hawaasni waan danda’uun deeggaraa akka jiru dubbataniiru.