Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi warri Yuuroo Boondii liqeessan marii dabalataa taassisuuf walii galan

Ebla 21/2017 (TOI)- Itiyoophiyaa fi warri Yuuroo Boondii liqeessan Idaa Itiyoophiyaa ilaalchisee marii  dabalataa taassisuuf walii galteerra gahaniiru. 

Gamtaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) walga’ii waggaa  kan waktii Birraa waashingiteendisiitti  gaggeeffamuun ni yaadatama.

Jilli hoggantoota olaanoo Ministira Maalaqaa Obbo Ahimad Shideen durfamu, warra Yuuroo Boondii liqeessan waliin marii’ateera.   

Marii Kanaan A.L.A Bitootessa 2025 karaa hammattoo walii gala hir’isa idaa biyyoota miseensa garee 20 Koree Liqii Itiyoophiyaa sadarkaa waliigalteen maree bulchiinsa idaa Itiyoophiyaa irra gahame irratti xiyyeeffateera.

Ministirichi riifoormii dinagdee gooroo ilaalchisee liqeessitoota daldalaaf ibsa taasisaniiru..

Jilli kun fooyya’insa hunda galeessa hordofee haala Dinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisee  marii  gaggeesseera.  

Gareen lameen haala idaa Itiyoophiyaa ilaalchisee waliigaltee taassifamu irratti yeroo kaa’ametti  fi haala bu’a qabeessa ta’een xumuruuf marii dabalataa taasissuuf walii galuu isaanii  odeeffannoon Ministeera Maallaqaa ni’agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015