Ministirri Maallaqaa Ahmed Shidee Itti Aanaa Pirezedaantii Baankii Invastimantii Awurooppaa Amberiyos Fayolee waliin marii’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Maallaqaa Ahmed Shidee Itti Aanaa Pirezedaantii Baankii Invastimantii Awurooppaa Amberiyos Fayolee waliin marii’atan

Ebla 21/2027(TOI)-Ministirri Maallaqaa Ahmed Shidee Itti Aanaa Pirezidaantii Baankii Investimentii Awurooppaa Amberiyos Fayolee waliin Dhimma Misoomaa fi Inverstimentii irratti marii’atan.
Marii isaniin tumsa misoomaa irratti qaban jabeessuuf walii galaniiru.
Baankiin Investimentii Awurooppaa dinagdee Itiyoophiyaa fi misooma hawaasummaa irratti gumaacha qabatamaa gumachuu irratti qooda guddaa bahaniif obbo Ahmed Shidee galateffataniiru.
Intarpiraayizoota xixiqaa fi giddugaleessa Faayinaansiin, Bishaaniin, Qulqulina eeguun fi carra hojii uumuun, dubartootaa irratti deeggarsa itti fufinsa qabu gochuusaaniif galateeffataniru.
Itti Aanaa Pirezedaantii Baankii Invastimantii Awurooppaa Amberiyos Fayolee gama isaaniin Itiyoophiyaan guddina dinagdeesheetiif xiyyeeffannoo duraa kennitee dhimmoota raawwachaa jirtu irratti deeggarsa akka godhan Mirkaneessaniiru.
Deeggarsichi pirojektii Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Addis Maallaqaan deeggaruuf kan hammatu ta’uu mariisaaniin Ibsaniiru.
Qaamni lameen deeggarsa isaaniin itti fufuuf akkasumas hoggantoonni olaanoon baankichaa daawwannaa yeroo tassisan filannoowwan adda addan irratti marii’achuuf walii galaniiru.