Manni marichaa walgahii har’a taa’uun wixinee labsii fayyaa fi nageenya beelladaa niraggaasa jedhameetu eegama

Ebla 21/2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 27ffaa bara hojii waggaa 4ffaa har’a nitaa’a.

Walgahii har’atiin wixinee labsii fayyaa fi nageenya beelladaa ilaalchisuun Koreen dhaabbataa dhimmoota qonnaa gabaasaa fi yaada murtoo mana mareef kan dhiheessu yoo ta’u, mariin booda akka raggaafamu eegama.

Dabalataanis yaada murtoo gaggeessitoota koree dhaabbataa hir’atan muuduuf dhihaate ilaalee niraggaasa jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015