Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa tums agama aadaa, aartii fi Ispoortiin qaban nicimsu

Ebla 20/2017 TOI)-Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ruusiyaa Iivgeenii Tarakhiin waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru.

Tumsa damee aadaa, Aartii fi Ispoortii  biyyoota lamaanii cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Aadaa fi seenaa heddumminaa Itiyoophiyaan qabdurraa ka’uun gama Kanaan Ruusiyaa waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uun kaafameera.

Tiyoophiyaa qabeenyashee aadaa fi aartii biyyoota miseensa BRICS’f beeksisuun akkasumas  mootummaan Ruusiyaa walitti dhufeenya ummattoota biyyoota lamaanii cimsuuf hojii hojjechaa jirtu deeggaruun tumsaan akka hojjetu ibsameera.

Qaamni lamaan gara fuula duraa waliigaltee mallatteessuun hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf waliigaluusaanii odeeffannoon ministeera aadaa fi Ispoortii nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015