Qorannoon raawwii karoora baatii sagalii bulchiinsa magaalaa keenyaa qorachuu eegalame

Ebla 20/2017(TOI)- Qorannoon raawwii karoora baatii sagalii bulchiinsa magaalaa keenyaa qorachuu eegalameera.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, qorannoon raawwii hojii baatii sagalii bulchiinsa magaalaa Finfinnee eegalameera jedhan.

Qorannoo Kanaan hojiiwwan baatii sagal darban itti milkoofne sakatta’uun cimina itti fufsiisuuf qorannoo gadifagoo nigoona jedhaniiru.

,Hojiiwwan karoorfamanii hinraawwatamnee fi qorannoo baatii jahaa wayita adeemsifnetti akkaataa dub-deebii kenninee fi kallattii keenyeen akkaataa hanqinoota madda komii ummataa furuun danda’amu gadi fageenyaan jechuun ibsaniiru.

Dabalataanis dandeettii hooggansi rakkoo furuuf qabu, hanqina dhaabbata inni gaggeessuu adda baasuun ammam fooyyessuu akka danda’ee fi jijjiiramoota hanqinoota dursuun adda baasuun hatattamaan furuurratti dhufan waltajjii Kanaan niqoratamu jedhaniiru.

Waltajjii qorannoo Kanaan baatii sadan hafanitti karoora keenya guutummaatti milkeessuuf waliigalteerra nigeenya jedhan kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin.

 Hanqunoota adda baafne sirreessuun akkaataa waadaa ummata keenyaaf galleen tajaajiluuf caalaatti kan qophoofnu ta’a jechuun eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015