Dorgommii Maaraattoonii Dubartootaa Landaniin Atileet Tigist Asaffaa mo’atte - ENA Afaan Oromoo
Dorgommii Maaraattoonii Dubartootaa Landaniin Atileet Tigist Asaffaa mo’atte

Ebla 19/2017(TOI)- Dorgommii Maaraattoonii Dubartootaa Landaniin Atileet Tigist Asaffaa mo’atteetti
Maaraatoonii Landan 45ffaa dorgommii ramaddii dubartootaan olompiikii Paarisirratti Meedaaliyaa Meetii kan argatte Tigist Asaffaa mo’achuushee odeeffannoon federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera.
Atileet Tigist Asaffaa dorgommii kana አsa’aatii 2:15.50 n xumuruun tokkoffaa yoo baatu Atileetiin lammii Keeniyaa Jooyisiliin Jeepkoosgii lammaffaa akkasumas Atileetiin lammii Nezerland Atileet Siifan Hasan sadaffaa baateetti.