Tuuriatoonni kuma 12 ol baatii sagalitti Paarkii biyyaalessaa Sulula Gibee daawwataniiru-Waajjira Paarkichaa - ENA Afaan Oromoo
Tuuriatoonni kuma 12 ol baatii sagalitti Paarkii biyyaalessaa Sulula Gibee daawwataniiru-Waajjira Paarkichaa
Ebla 19/2017(TOI)- Tuuriatoonni kuma 12 fi 540 baatii sagalitti Paarkii biyyaalessaa Sulula Gibee daawwachuusaanii Waajjira Paarkichaa beeksise.
Biiroo aadaa fi turizimii naannichaatti gaggeessaan paarkii biyyaalessaa Sulula Gibee obbo Masfin Takkaa akka ibsanitii, beellannii fi biqiltuuwwan garagaraa keessatti argamu.
Simbirroowwan, muki ixaanaa,fi biqiltuuwwan dawaaf oolan paarkicha keessatti argamu.
Guyyaatti bishaan danfaan daawwattoonni 500 ta’a itti fayyadamuu danda’an fi iddoowwan daawwannaaf miidhagaa ta’an akka qabu dubbataniiru.
Paarkicha beeksisuuf hojii hojjetameen daawwattoonni yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu eeranii, baatii sagal darbanitti tuuristoonni kuma 12 fi 540 paarkicha daawwachuusaanii ibsaniiru.