Itiyoophiyaan adeemsa miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu yeroo qabameefitti xumuruuf kutannoon hojjechaa jirti-Dr. Iyyoob Takkaaliny

Ebla 18/2017(TOI)- Itiyoophiyaan adeemsa miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu A.L.A Bitootessa 2016tti  xumuruuf kutannoon hojjechaa jirti de’etaan ministira maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaaliny ibsan.

Itiyoophiyaa fi Uzbeekistaan walgahii baatii birraa kan waggaa garee baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa idil addunyaa Waashiingiteen Diisiitti adeemsifamaa jiru cinaatti miseensummaa dhaabbata daldalaa addunyaa ilaalchisee marii sadarkaa olaanaa taasisaniiru.

Mariin kanagaree baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaatu walta’uun qopheesse.

Daarektarri olaanaa dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okonjo-Iiwiilaa, baankii addunyaatti itti aanaan pirezidaantii riijinii Afriikaa bahaa fi kibbaa Nidyaamee Diiyop fi daarektarri itti aanaa tarsiimoo Keen Kaang waltajjicharratti hirmaataniiru.

De’etaan ministiraa Dr. Iyyoob Itiyoophiyaan walgahii ministirootaa dhaabbata daldala addunyaa 14ffaa A.L.A  Bittootessa bara 2026 Kaameeroon Yaawundeetti taa’amurratti adeemsa miseensummaa xumuruuf cimtee akka hojjettu ibsaniiru.

Daarektarri olaanaa dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okonjo-Iiwiilaa  waa’ee miseensummaa Itiyoophiyaa fi Uzbeekiistaan akka si’atu dhaabbileen biyyoota hedduu fi deeggartoonni gamlamee deeggarsa teekinikaa fi gabbisa dandeettii barbaachisu akka taasisan waamicha godhaniiru.

Hirmaattonni walgahichaa Itiyoophiyaan seera hordoftee qaama sirna daldala addunyaa ta’uuf kutannoo agarsiifte dinqisiifachuun guutummaatti akka deeggaran ibsuusaanii odeffannoon ministeera maallaqaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015