Tamsaasa Kallatti:

Dargaggoonni miiliyoona 22 ol ta’an bara baajatatichaa ji’oota sagalitti tajaajila tola ooltummaa adda addaa raawwataniiru-Ministira Dr.Ergoogee Tasfaayee

Ebla 07/2017 (TOI)- Bara baajataa ji’oota sagal keessatti dargaggoonni miiliyoona 22 ol tajaajila tola ooltummaa adda addaa raawwachuu isaanii Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfayee ibsaniiru.

Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana sadaffaa bara baajataa 2017 guyyoota 100 fi gamaaggamni raawwii hojii diinagdee gooroo guutuun ji’oota sagalii bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

 Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfayee hojiiwwan ijoo ji’oota sagal darban keessatti hojjetaman ilaalchisee ibsa waliigalaa kennaniiru.

Ibsa kennaniin ji’oota sagal darbanitti ministeerichi damee hundaan hojii bu’a qabeessa raawwachuu ibsaniiru.

Hirmaannaa fi fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee dargaggootaa fi dubartootaa mirkaneessuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu eeraniiru.

Gahee murteessummaa dubartoota sadarkaa hoggansa hundatti guddisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya imaammata lammiilee ishee irratti xiyyeeffate hordoftu ta’uu eeranii, Imaammata kanaan lammiileen biyyoota adda addaa keessatti rakkina keessa turan kuma 44 ol baqattummaarraa deebi’uu danda’aniiru jedhan.

Dargaggoonni dirqama hawaasummaa isaanii kan itti ba’an keessaa tokko tajaajila tola ooltummaa akka ta’e yaadachiisanii, Dargaggoonni miiliyoona 22 ol ta’an hojii tola ooltummaa adda addaa irratti hirmaachuun lammiilee miliyoona 50tti dhiyaatan tajaajiluu isaanii ibsaniiru.

Hojiin dargaggoonni kunneen irratti hirmaatanis mana namoota harka qalleeyyii haaromsuu, dhiiga arjoomuu, seera tiraafikaa kabachiisuu fi yeroo gannaa barattoota barsiisuu kan dabalatu ta’uu ibsaniiru.

Harka qalleeyyiin, haadholiin, manguddoonni, daa’imman kuma 30 caalan daandiirraa kaasuun jireenya idileetti akka deebi’an taasisuu itti dabaluun ibsaniiru.

Gama mirgaa fi nageenya daa’immanii eeguun miidhaan yeroo daa’imman irratti raawwataman miidhaa uumame, tajaajila waldhaansaa fi seeraa taasifame amma caasaa gadiitti galmeessuuf hojmaanni dijitaalaa diriirfamuu dubbataniiru.

Kunis dhiittaa mirga daa’immanii biyyattii keessatti mul’atu adda baasuu fi hordofuuf salphaa kan taasisuu fi ittisa isaaniif gumaacha guddaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Walumaa gala guddinni dinagdee hawaasummaa biyyattiitti akka gamaa’u kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015