Naannichatti lafa jallisii boneen misoome urraa oomishni kuntaala miiliyoona 6 tuqaa 8 argameera

Bitootessa  02/2017(TOI)-Naannoo Tigraayitti lafa jallisii bonee marsaa jalqabaan misoomeirraa oomishni kuntaala miiliyoona 6 tuqaa 8 argamuun ibsame.

Qonnaan bultoonni kuma 130caalan jallisii bonee irratti akka hirmaatanis ibsameera.

Biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayitti qindeessaan misooma kuduraa fi muduraa obbo Hayyaloom Takkaa TOItti akka himanitti, naannichatti lafa jallisii bonee marsaa jalqabaan misoome heektaara kuma 58 keessaa qorannoon oomishaa heektaarri kuma 54 xumurameera.

Lafa naannichatti jallisii boneen misoomerraa amma ammaatti oomishni kuntaala miiliyoona 6 tuqaa 8 walitti qabamuu dubbataniiru.

Misoomni jallisii bonee marsaa lammaffaas cimee itti fufuu himaniiru.

Misooma jallisii bonee baranaa irratti qonnaan bultoonni kuma 130 caalan hirmaatan keessaa kuma 39 fi 506 dubartoota akka ta’an dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015