Kitaabni dhaloota ida’amuu mana kitaabaa biyyaalessaa Paakistaaniif arjoomame - ENA Afaan Oromoo
Kitaabni dhaloota ida’amuu mana kitaabaa biyyaalessaa Paakistaaniif arjoomame
Bitootessa 30/2017(TOI)-Paakistaanitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dr. Jamaal Bakar kitaaba Ida’amuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessan mana kitaabaa biyyaalessaa Paakistaaniif arjooman.
Ambaasaaddarichi wayita kana hojiilee Siyaasa, Dinagdee, Hawaasummaa fi sirna seeraa ijaaruun hooggansa ministira muummee Dr Abiyyi Ahimadiin hojjetamaniin milkaa’inoonni argamuu ibsaniiru.
Itti dabaluunis falaasamni ida’amuu ministira muummee Noobeelii akka badhaafaman, yaada ashaaraa magariisaa maddisiisan akkasumas walitti makama riijinii fi Paan Afriikaanizimiif nama falmu akka ta’an kan dandeessise firii qalbifachuuti jedhaniiru.
Daarektarri mana kitaabaa biyyaalessaa Paakistaan obbo RaajaaJaaveej gamasaaniin, kitaabni dhaloota ida’amuu mana kitaabaa biyyaalessaa Paakistaaniif arjoomamuunsaa akkasumas koornariin Itiyoophiyaa banamuunsaa dubbiftoota biratti faayidaa guddaa akka qabu iibsaniiru.
Fuulduratti koornarii Itiyoophiyaa akkaataa biyyattii agarsiisuu danda’uun gurmeessuuf embaasicha Waliin akka hojjetan odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Paakiistaanitti argamuu nimul’isa.