Ambaasaaddar Binnaalf Andu’alam miseensa mana maree Ameerikaa duraanii Jaak Kiingistan waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddar Binnaalf Andu’alam miseensa mana maree Ameerikaa duraanii Jaak Kiingistan waliin mari’atan
Bitootessa 27/2017 (TOI)- Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Binnaalf Andu’alam miseensa mana maree Ameerikaa duraanii Jaak Kiingistan waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddarichi hariiriin Itiyoophiyaa fi Ameerikaa haala cimurratti marii bu’a qabeessa taasisuusaanii odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Waashiingitan Diisiitti argamuu nimul’isa.
Marii kanaanis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf, bulchiinsichaa fi mana marichaa jidduutti tumsa fooyya’aa uumuuf cimsuun haala danda’amurratti xiyyeeffachuun mari’achuunsaanii ibsameera.
Ambaasaaddar Binnaalf miseensa mana maree duraanii Jaak Kingistan beekumsaa fi miira dhugaa Itiyoophiyaa ilaalchisuun qaban dinqisiifataniiru.