Damma karaa ammayyaa oomishuun fayyadamaa taaneerra-qonnaan bultoota aanaa Gullisoo - ENA Afaan Oromoo
Damma karaa ammayyaa oomishuun fayyadamaa taaneerra-qonnaan bultoota aanaa Gullisoo
Bitootessa 17/2017 (TOI)-Qonnaan bultoonni Godina Lixa Wallaggaa damma karaa ammayyaan oomishan fayyadamaa jiraachuu ibsan.
Godinichatti qonnaan bulaan aanaa Gullisoo Olaanaa Ittaanaa Yaada TOI’f kennaniin, damma karaa aadaa baasaa turan gaagura ammayyaa 15niin jijjiiruun damma qulqulluu gabaaf dhiheessuun fayyadamaa akka jiran dubbataniiru.
Damma gaagura aadaa tokkorraa kiiloo 7 kan hincaalle argachaa turan gaagura ammayyaarraa kiiloo 25 amma 30 argachuusaanii himaniiru.
Qonnaan bulaan aanichaa Qabannaa Mangashaa gamasaaniin, hojmaata aadaa jalaa bahuun hojmaata ammayyaan oomisha dammaa guddisuusaanii ibsaniiru.
Kanaan dura qaagura ammayyaa saddet fi kan aadaa 20 fayyadamuun kanniisa horsiisuu akka eegalan eeranii, yeroo ammaa hundayyuu gaagura ammayyaan jijjiiruun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu himaniiru.
Qonnaan bulaan aanaa Gimbii Ayyaanaa Gammachuu dammi gaagura ammayyaarraa argatan kandura gaagura aadaarraa argatan dachaan akka caalu dubbataniiru.
Kanaan dura waggaatti damma kiiloo 50 hincaalle argachaa akka turan eeranii, hojii kana ammayyeessuun waggaatti damma kiiloo 150 amma 200 argachaa jiraachuu ibsaniiru.
Hoogganaan waajjira qonnaa lixa Wallagga obbo Ofga’aa Maammee, qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni Godinichaa qabeenya naannawasaanii fayyadamuun damma baasuun qabeenya akka horatan gochuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Godinichatti amma ammaatti qonnaan bultoonni kuma 120 ta’an kanniisa horsiisuun leenjii kennuun damma sadarkaasaa eeggate gabaa akka baasan deeggarsi taasifameera jedhan.
Leenjii ogummaa kennuurraa eegalee gaagura ammayyaa deeggaruun gargaarsi taasifamaafii akka jiru himaniiru.
Bara bajataa baatii toorbatti godinichatti gaagura kuma 100 dhiheessuun dammi toonii kuma 6 fi 229 gabaaf dhihaachuu kaasaniiru.