Sirni galmee fi beekamtii mirkaneessa ga’umsaa Kolleejota barnoota barsiisotaa hojiirra ooluufi

Bitootessa 09/2017(TOI)- Sirni galmee fi beekamtii mirkaneessa ga’umsaa Kolleejota barnoota barsiisotaa hojiirra ooluuf akka ta’e ministeerri barnootaa beeksise.

Waltajjiin maree kolleejjota leenjii Barsiisotaa ilaalchisuun qophaa’e taa’amaa jira.

Hooggantoonni biiroo naannolee, hooggantoonni kolleejii barsiisotaa, hooggantoonni waldaa barsiisotaa Itiyoophiyaa fi qooda fudhattoonni biroon waltajicharratti hirmaataniiru.

Ministirri barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa wayita kana akka jedhanitti, rakkoolee sirna barnootaa keessa jiran furuuf manneen barnootaa idileen duraa irraa amma barumsa olaanaatti riifoormonni garagaraa hojeeffamaa jiru.

Hojiileen riifoormii jalqabaman bu’a qabeessa akka ta’an barsiisota irratti xiyyeeffannoon addaa taasifamee hojjetamuu akka qabu himaniiru.

Kanaaf ammoo kolleejjonni barumsa barsiisotaa barsiisota qulqullina fi ga’umsa qaban horachuun ergamasaanii akka bahan deeggarsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Ministeera barnootaatti de’eeteen ministira damee barumsa waliigalaa adde Ayyalech Isheetee gamasaaniin qulqullina barnootaa gama mirkaneessuun kolleejjonni leenjii barsiisotaa qooda olaanaa qabu.

Fuulduratti Kolleejjonni sirni galmee taasisuun beekamtiin mirkaneessa gahumsaa kennameefii hojiirra akka oolu odeeffannoon miisteericharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015