Ministirri Qonnaa tumsa hojiiwwan qonnaa irratti ambaasaaddara Biraazil waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Qonnaa tumsa hojiiwwan qonnaa irratti ambaasaaddara Biraazil waliin mari’atan

Bitootessa 09/2017 (TOI)- Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Biraazil Jandiir Fereeraa Doos Saantoos waliin mari’ataniiru.
Mariin kun biyyoonni lamaan tumsa agama misooma qonnaan qaban cimsuurratti kan xiyyeeffatedha.
Haala Kanaan eegumsa xaa’ummaa fi fayyummaa biyyoo, mekaanaayizeeshinii qonnaa fi daldala alergii qonnaa irratti waliin hojjechuuf wliigalaniiru.
Itiyoophiyaan miseensa boordii biyyoota“giloobaal Alliyaansi ageenist hangar fi Poveriitii” fimiseensa Biriiksi Pilaas BRICS +) ta’uunshee biyyoonni lamaan sektara qonnaan tumsa qaban cimsuuf haala mijataa akka uumu odeeffannoon ministeerichaa nimul’isa.