Itiyoophiyaa fi Ayerlaand tumsa fayyaarratti qaban cimsuuf akka hojjetan ibsan

Bitootessa 09/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Ayerlaand filannoowwantumsa fayyaarratti qaban bal’isuuf hariiroo gama Kanaan qaban gabbisuuf akka hojjetan beeksisan.

Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ayerlaand Oliiniyaa Leeslii waliin dhimma fayyaarratti mari’ataniiru.

Qaamni lameen galmoota misooma egeree (SDG), dhiheessii talaallii fi inshuraansii hawaasaa akkasumas sirna fayyaa waliigalaa cimsuurratti yaada walii qoodaniiru.

Itiyoophiyaan galmoota fayyaa idil addunyaa akka milkeessituu fi walumaa gala deeggarsa Ayerlaand damee kanaaf taasisaa jirtu Doktar Maqdas Dhaabaan

 galateeffataniiru.

Itiyoophiyaa fi Ayerlaand dameeleen tumsa isaanii itti bal’isuu danda’an hedduun akka jiran ambaasaaddar Oliiviyaa Eslii ibsaniiru.

Ambaasaaddarittiin Ayerlaand damee Fayyaa Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo akka qabdu ibsuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015