Tamsaasa Kallatti:

‘ECA’ fi ‘FAO’n waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu mallatteessan

Bitootessa 09/2017 (TOI)-Komishiniin dinagdee Afriikaa(KDA) fi dhaabbanni nyaataa fi qonnaa mootummoota gamtoomanii(DhQNy) waliigaltee dhimmoota garagaraa irrattiwaliin hojjechuu isaan dandeessisu mallatteessaniiru.

Yaa’iin ministiroota Faayinaansii, misooma dinagdee fi pilaanii 57ffaan komishinii dinagdee Afiikaa guyyoota lamaaf Finfinneetti taa’amaa ture har’a xumurameera.

KDA fi DhQNy yaa’ichaan cinaatti dhimmoota waliin hojjechuun danda’amurratti wwaliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichi dhaabbileen lamaan qonna egeree fi misooma daldala qonnaa Afriikaa, nyaataa fi surna nyaataa mirkaneessuu irratti waliin hojjechuuf kan isaan dandeessisudha.

Waliigaltichi yeroosa kan eeggatedha jedhan ibsan itti aantuun barreessituu olaanaa deeggarsa Sagantaa KDA Antooniyoo Peedroo.

Carraa gaarii kanatti gargaaramun sirna qonnaa fi nyaataa egeree fi jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruun akka barbaachisu ibsuusaanii odeeffannoon TOI’n dhaabbaticharraa argate nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015