Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos itti aantuu durateessuu komishinii gamtaa Afriikaa ambaasaaddar Saalmaa Maliikaa waliin mari’atan

Bitootessa 09/2017(TOI)-Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos itti aantuu durateessuu komishinii gamtaa Afriikaa ambaasaaddar Saalmaa Maliikaa Hadaadii waliin har’a waajjirasaaniitti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Saalmaan Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Aljeeriyaa ta’anii wayita tajaajilanitti hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hojii hojjetaniif ministirri dhimma alaa galateeffataniiru.

Ambaasaaddarittiin itti aantuu dura teessuu komishinii gamtaa Afriikaa haaraa ta’anii wayita turanitti akka milkaa’an hawwaniiruuf.

Itiyoophiyaan biyya gamtaa Afriikaa keessummeessitu waan taateef milkaa’ina ergamasaaniif deeggarsa akka taasiftu odeeffannoon ministeericharraa argame  nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015