Raayyaan keenya ergama nagaa kabachiisuu sadarkaa idil addunyaatti ga’umsaan raawwachuu itti fufeera-Letenaal jeneraal Dastaa Abbichee - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan keenya ergama nagaa kabachiisuu sadarkaa idil addunyaatti ga’umsaan raawwachuu itti fufeera-Letenaal jeneraal Dastaa Abbichee

Bitootessa 09/2017(TOI)- Raayyaan keenya ergama nagaa kabachiisuu sadarkaa idil addunyaatti ga’umsa olaanaa fi aantummaa ummataan raawwachuu itti fufuusaa hoogganaan qajeelcha olaanaa mahaandisa Ittisaa Letenaal jeneraal Dastaa Abbichee dubbatan.
Manni barumsaa lrrnjii Kontinjentii Huursoo miseensota raayyaa ergama nagaa kabachiisuuf leenjise eebbisiiseera.
Sirna eebbaarratti keessummummaan kan argaman hoogganaan qajeelcha olaanaa mahaandisa Ittisaa Letenaal jeneraal Dastaa Abbichee akka dubbatanitti riifoormiin jijjiirama biyyaa ordofee adeemsifameen raayyaan ittisaa bu’aa gaarii galmeessiseera.
Gurmaa’insa, hojmaataa fi humna namaa bekumsaa fi teekiniika lolaa gonfate amansiisaan akka jiraatuu fi dhaabbatichas teeknooloojiiwwan haaraan akka guramaa’u taasisuu eeraniiru.
Raayyaan keenya ergama nagaa kabachiisuu sadarkaa idil addunyaatti ga’umsa olaanaa fi aantummaa ummataan milkaa’inaan raawwachuu itti fufeera jedhan.
Eebbifamtoonni har’aa fi miseensonni raayyaa nagaa kabachiisaa biroon maqaa gaarii Itiyoophiyaan biyya alaatti ijaarte eeguun naamusa guutuun ergamasaanii milkaa’inaan raawwachuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.
Ajajaan jiddugala nagaa kabachiisaa ittisaa Meejer Jeneraal Addaamneh Mangistee gamasaaniin, adeemsi jijjiiramaa dhaabbata ittisaa keessatti jalqabame raayyaan keenya biyyaa fi biyya alaatti ergama nagaa kabachiisuu ga’umsa olaanaa raawwachuuf isa dandeessiseera jedhan.
Miseensonni nagaa kabachiisaa har’a eebbifaman barumsa ergamasaanii ga’umsaan raawwachiisuuf isaan dandeessisu argachuusaanii kan ibsan ammoo ajajaa mana barumsaa leenjii Kontiinjentii Huursoo koloneel Addisuu Tarfaasaadha.
Miseensonni raayya ergama nagaa kabachiisuu ga’umsaan akka bahatan ergaa dabarsaniiru.