Ambaasaaddar Iskindir Yirgaa diyaaspora Jarman jiraatan waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddar Iskindir Yirgaa diyaaspora Jarman jiraatan waliin mari’atan

Bitootessa 09/2017 (TOI)-Jarmanitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Iskindir Yirgaa hawaasa diyaaspora biyyattii waliin karaa Intarneettii mari’ataniiru.
Marii Kanaan Kallattiiwwan xiyyeeffannoo mootummaa Itiyoophiyaa, murtoowwanii fi dameelee xiyyeeffannoo Fuulduraa ilaalchisuun karaa Embaasichaa diyaasporaaf ibsi taasifameera.
Ajandaawwan Seenessa waloo biyyaalessaa, tarsiimoowwan ijaarsa biyyaa, dinagdee fi hawaasummaa akkasumas kallattiiwwan imaammata dhimma alaa ilaallatan irratti mariin taasifameera.
Miseensonni hawaasa diyaasporaa bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa imaammattootaaf yaada nimala jedhan kaasuusaanii odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Jarmanitti argamuu nimul’isa.
Embaasii fi diyaasporaan karoorri imaammataa akka milkaa’an waliin hojjechuuf waliigalaniiru.