Manni marichaa wixinee labsii hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa ilaalee koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelche - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa wixinee labsii hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa ilaalee koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelche

Bitootessa 09/2017(TOI)- Manni maree bakka bu’oota umataa RDFI walgahii idilee 20ffaa wixinee labsii hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa ilaalee koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaaf qajeelcheera.
Ministirri itti waamamaa mootummaa muummeen Dr. Tasfaayee Beeljigee wixinee labsii ilaalchisuun ibsa gabaabaa kennaniiru.
Ibsa kanaanis hooggansi hojii soda balaa Itiyoophiyaa hojiiwwan balaan duraa, wayitii balaa fi balaan boodaa bu’a qabeessa taasisuuf dandeettii keessoo dhaabbilee bulchiinsa Federaalaa fi naannoo ijaaruuf balaan battalaa wayita mudatuu fi humnaa ol wayita ta’us sirna labsiin yeroo muddamaa diriirsuu fi hojiirra oolchuuf akkasumas wixinee labsii hammattoo seeraa karoora deeggarsa namoomaa misooma egeree fi ijaarsa nageenyaa walitti hidhuu danda’u diriirsuuf akka dandeessisuuf qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
Wixinen labsii kun tumaalee mana maree komishinii hooggansa hojii soda balaa hundeeesu kan ilaallatanii fi waa’ee hojii fi ittigaafatama komishinichaa hojii fi ittigaafatama mana marichaa, waa’ee hojii fi ittigaafatama dhaabbata damee dursaa mootummaa federaalaa fi naannolee, mirgaa fi dirqama balaaf saaxilamtootaa fi miidhamtootaa, akkasumas waa’ee fandii soda balaaf deebii kennan hundeessuu ilaallatanii fi tumaaleen biroon keessatti galfamuu ibsaniiru.
Miseensonni mana marees labsichi deeggarsoonni taasifaman qindoominaan akka taasifamanii fi miidhamtootaaf qal qixa qaqqabsiisuuf akkasumas gargaaramuu jalaa bahuun ofdanda’uuf barbaachisaa ta’uu ibsuusanii odeeffannoon mana mareerraa argame nimul’isa.
Wixineen labsii kun wixinee labsii hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa lakk. 16/2017 ta’uun sagalee guutuun koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaaf qajeelfameera.