Foramiin jiloota addaa adeemsa nageenya Sudaan IGAD Finfinneetti mari’achaa jira

Bitootessa  09/2017 (TOI)- Foramiin jiloota addaa adeemsa nageenya Sudaan IGAD Finfinneetti marii jalqabeera.

Foramichi carraaqqiiwwan Sudaanitti nagaa buusuuf taasifaman kanqindoomanii fi walhubatan ta’uu akka qaban nihojjeta.

Barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo, bakka bu’oonni addaa fi bakka bu’oonni adeemsa nageenya Sudaaniif qindoominaa fi tumsa  qaban cimsuu akka qaban himaniiru.

Foramichi walitti bu’insa Sudaan furuuf tooftaa adeemsaa ifaa fi waloo uumuuf kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon TOI’n Sakireetaariyaatii IGAD irraa argate nimul’isa.

IGAD adeemsi nageenyaa abbummaa fi gaggeessummaa Sudaanotaan akka raawwatamu kutannoon akka hojjetu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015