Naannichatti bara kana xaa'oo kuntaala miliyoona 11 ol qonnaan bulaaf dhiheesuuf karoorfamee hojetamaa  jira

Bitootessa 09/2017(TOI) - Naannoo Oromiyaatti bara kana xaa'oo kuntaala miliyoona 11 fi kuma 400 qonnaan bulaaf dhiheesuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Babal'ina  Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa beeksise.

Ejensichi har'aa haala dhiheesii, raabsaa fi gatii  xaa'oo kan bara oomishaa 2017/18  ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Ibsicha kan kennaan Hogganaan Ejensii Babal'ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Jamaal Kadir;  naannoo Oromiyaaf bara kana xaa'oo kuntaala miliyona 10 fi kuma 500 ol alaa galchuuf karorfamuu ibsaniiru.

Fedhii dhiheesii qonnaan bultoonni qaban bu'uureffachuun hangi xaa'oo kun kan bara darbeerra dabalee akka dhihaatu karoorfamuu himanii; naannichatti xaa'oon bara kana qonnaan bulaaf dhiheesuuf karoorfame  kan bara darbeerra kuntala miyoona 2 tuqaa 3  caalmaa kan qabu ta'uu himaniiru.

Xaa'oo oomisha bara 2017/18  biyya alaa naannichaaf galchuuf  karoorfame  keessas hanga ammaatti kuntaalli miliyoonni 4 fi kumni 100 ol gara biyya galuu himaniiru.

Xa'oon biyyee bara darbe bule kuntaalli kumni 900 fi kumni 53  caalus akka jiru himanii;  kana waliin waliigalaan bara kana naannichatti oomisha bara 2017/18'f xaa'oo kuntaala miiliyoona 11 tuqaa 4  dhiheesuuf karoorfamee hojjetama jiraachuu obbo Jamaal Kadir ibsaniiru.

Xaa'oon kunis oomisha waqtii bonaa, arfaasaa fi gannaaf kan oolu ta'uu himanii; xaa'oo dhiheesuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti kuntaalli kumni 300 fi kumni 10 ol rabsamuu eeraniiru.

Haala qabatamaa gabaa addunyaa fi biyya keessaan gatiin xaa'oo kan bara darbee caalaa daballii  kan qabu ta'uus  eeraniiru.

Kanas ta'ee mootummaan gatiin xaa'oo baay'ee dabalee akka qonnaan bulaan bitachuu hin dadhabneef gatii xaa'oo irratti baasii ofii isaa dabaluun deeggarsa taasisuu ibsaniiru.

Bara kana akka naannichaatti  gatiin xaa'oo qonnaan bulaatti akka humnaa ol hin daballeef  birrii biliyoona 32 ol deeggarsa taasisuu himaniiru.

Bittaan xaa'oo karaa dijitaala kan raawwatamu ta'uu himanii; qonnaan bulaan haala qabiyyee lafa isaa qofaan kan fudhatu ta'uu ibsaniiru.

Gatiin xaa'oo hanguma mana kuusaa keessa turu gatiin isaa waan dabaluuf qonnaan bulaan dafee xaa'oo dhihaateef bitatee akka mana isaatti galfatu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015