Oolmaa guyyaa lammaffaa Yaa’ii ministiroota Faayinaansii, misooma dinagdee fi Pilaanii komishinii dinagdee Afriikaa - ENA Afaan Oromoo
Oolmaa guyyaa lammaffaa Yaa’ii ministiroota Faayinaansii, misooma dinagdee fi Pilaanii komishinii dinagdee Afriikaa

Bitootessa 09/2017 (TOI)- Yaa’ii ministiroota Faayinaansii, misooma dinagdee fi Pilaanii komishinii dinagdee Afriikaa Dh.M.G 57ffaan kaleessa Finfinneetti eegalamuunsaa nibeekama.
Mata dureen yaa’ichi ittiin taa’amu “kallattiiwwan tarsiimawoo hojiirra oolmaa waliigaltee qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa si’achiisan qiyyaasuu” kan jedhudha.
Hojiirra oolmaan waliigaltee qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa, dijitaalaayizeeshiniin, wabii nyaataa fi tiraanisfoormeeshiniin Inarjii ajandaawwan ijoo yaa’ichaati.
Itiyoophiyaan bu’uraalee misoomaa walitti makama dinagdee Afriikaa mijeeessan irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtu Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen Ibsaniiru.
Abdii fedhii gabaa shaqaxaa fi tajaajilaa bilisaa hindaangeffamne dhugoomsuuf hawwiirra darbee hojii akka barbaachisu himanuiiru.
Barreessaan olaanaa komishinii dinagdee mootummoota gamtoomanii Kilaaver Gateetee, waliigalteen qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa sirna daldalaa ammayyeessuun badhaadhina waloo dhugoomsuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.
Yaa’iin kun oolmaa guyyaa lammaffaa isaatiin tarsiimoowwan hojiirra oolmaa dhimmoota qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa, fayidaa zooniiwwan dinagdee addaa hojiirra oolmaa waliigaltichaaf qaban, sirna taaksii walfakkaataa fi dijitaalaayizeeshinii taaksii, carraa hojii uumuu fi ajandaaleen biroon irratti nimari’atamu.
Yaa’iin ministirootaa ajandaawwan garagaraa irratti mari’atee murtoo akka dabarsu odeeffannoon TOI’n ‘ECA’ irraa argate nimul’isa.