Madaalliin ga’umsaa konkolaachiftootaa adeemsifamuufi - ENA Afaan Oromoo
Madaalliin ga’umsaa konkolaachiftootaa adeemsifamuufi

Bitootessa 09/2017 (TOI)-Sanadiin ga’umsa konkolaataa konkolaachisaa daldalaa tajaajila ummataa fi fe’isaa iirra hojjetan madaaluu dandeessisu qopheeffamaa akka jiru de’eetaan ministiraa Geejjibaa fi Loojistiksii obbo Bari’oo Hasan ibsan.
De’eetaan ministira Geejjibaa fi Loojistiksii obbo Bari’oo Hasan hooggantoota dhaabbata madaallii ga’umsaa hojjete ‘SDS’ waliin mari’ataniiru.
Ministeerri Geejjibaa fi Lojistiksii ministeera hojii fi dandeettii akkasumas dhaabbilee biroo waliin ta’uun ga’umsa konkolaachiftootaa madaaluuf qophii taasisaa jira.
Balaa Tiraafikaa to’achuun konkolaachisuun mancaatii namaa fi meeshaarra gahu ittisuuf tumsa taasifamuuf Sanadoota qopheessuun alatti hojiitti wayita galamu hojmaaticha raawwachiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin akka taasifamu ibsaniiru.
Madaalliin ga’umsaa sadarkaan qoodamee kan kennamu ta’a.
Marsaa jalqabaatiin qophiin ga’umsa Atobisiiwwan biyya qaxxaamuraniif fi konkolaachiftoota konkolaataa fe’isaa daangaa cehanii madaaluuf dandeessisu xumuramuusaa odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.