Manni barumsaa leenjii Huursoo Kontiinjent miseensota raayyaa nagaa kabachiisaa leenjise eebbisiisaa jira

Bitootessa 09/2017(TOI)-Raayyaa ittisaa RDFI’tti  Manni barumsaa leenjii Huursoo Kontiinjent miseensota raayyaa ergama nagaa kabachiisaaf leenjise eebbisiisaa jira.

Miseensonni raayyaa nagaa kabachiisaa eebbisiifamaa jiran kumaalaa motoraalaayizedii 20ffaa fi 21ffaati.

Mana barumsaa leenjii Huursootti hoogganaan ijaarsa xiin sammuu koloneel Balaayi Hiruuyi TOI’tti akka himanitti, miseensonni raayyaa eebbifaman ergama nagaa kabachiisuuf biyya alaa kan deemanidha.

Raayyaan keenya ga’umsa, aantummaa ummataa fi fudhatamni qabu guddaa dabalaajira jedhaniiru.

Hoogganaan qajeelcha olaanaa mahaandisa ittisaa Letenaal jeneraal Dastaa Abbichee, ajajaan jiddugala nagaa kabachiisuu Ittisaa meejer Jeneraal Addaamneh Mangistee fi qondaaltonni olaanoon biroo sirna eebbaarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015