Itiyoophiyaa fi Jibutiin godaansa seeraan alaa ittisuun haala danda’amurratti mari’atan

Bitootessa 08/2017 (TOI)-Jibutiitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee ministira dhimma biyya keessaa Sa’iid Nooh Hasan waliin har’a mari’ataniiru.

Mariin taasisan godaansa seeraan alaa yaaddoo guddaa ta’aa dhufee fi du’a lammiileerraan gahaa jiru haala waliin ittisuun danda’amuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ergaa fuula X isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.

Poolisii biyyaalessaa Jibutii waliin ta’uun godaansa seeraan alaa ittisuu fi egereef furuun haala dandeessisurratti hojmaattota qindoominaan hojjechuun danda’amurratti mari’achuusaanii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015