Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turan 53 biyyatti deebi’an

Bitootessa 08/2017(TOI)- Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turan 53 biyyatti deebi’uusaanii ministeerri dhimma alaa beeksise.

Mootummaan dippilomaasii lammiilee ilaallatu irratti xiyyeeffate hojjechuun carraaqqii taasiseen lammiileen uggura  Maayinaamaar jalaa bahanii kaampii loltootaa Taayilaand turan daandii qilleensaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun biyyatti deebisuu himaniiru.

Dhaabbilee mitmootummaa naannawaa waliin ta’uun kaleessa namoonni 23, har’ammoo 30 walumaa gala namoonni 53 biyyatti deebi’aniiru.

Amma ammaatti lammiileen rakkoo akkasii keessa turan 130 Itiyoophiyaatti deebifamaniiru.

Hawaasni kanneen seeraan ala namoota deddeebisaniin gowwoomfamee gara biyyoota waliigalteen hojii hintaasifamneetti deemuurraa akka ofqusatu mootummaan hubachiisuusaa odeeffannoon ministeerichaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015