Gareen Itti aantuu af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoon durfamu daawwannaa dirree taasise

Bitootessa 08/2017(TOI)-Gareen Itti aantuu af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoon durfamu hojiilee misoomaa godina Shawaa Bahaa aanaa Luumee fi Booraa tti hojjetaman dirree bahuun daawwateera.

Itti aantuu af-yaa’ii dabalatee bulchaan godina Shawaa Bahaa fi miseensonni mana maree godinicharraa bakka bu’an daawwannicharratti hirmaachuusaanii odeeffannoon mana maree makka bu’ootaa irraa argame nimul’isa.

Daawwannaan kun Inisheetiivota qonnaa kilaastara Qamadii bonee fi Muuzii godinicha aanaa Luumee fi Booraatti hojjetamanii fi hojjetamaa jiranii fi waajjiraalee ijaarsa ganda baadiyyaa haaraa kan ofkeessatti qabatedha.

Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa daawwannaan booda duubdeebii hojii dirree bakka bu’ummaa ummataa kennuun isaanii ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015