Paartiin Badhaadhinaa qaamolee milkaa’ina ayyaana hundeeffamaa waggaa 5ffaa fi yaa’ii 2ffaaf gumaacha taasisaniif sagantaa beekamtii adeemsisaa jira

Bitootessa 06/2017(TOI)- Paartiin Badhaadhinaa qaamolee milkaa’ina ayyaana hundeeffamaa waggaa 5ffaa fi yaa’ii 2ffaaf gumaacha taasisaniif sagantaa beekamtii adeemsisaa jira

Itti aanaan pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah, hooggantoonni olaanoo Paartichaa, dureeyyii fi hooggantoota dhaabbilee dabalatee keessimmoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.

Ayyaanni hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa mata duree “olaantummaan Yaadaa Badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti yaadannoo injifannoo Adwaatti akkasumas naannolee fi bulchiinsota magaalaatti kabajamuun niyaadatama.

Yaa’iin idilee 2ffaa Paartii badhaadhinaa ammoo mata dure “waadaarraa amma aadeffannaatti” jedhuun Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti Amajjii 23 amma 25 bara 2017tti taa’ameera.

Hooggantoonni paartilee obbolaa biyyoota ollaa 15 fi paartilee biyyoota miseensa BRICS dabalatee kan irratti hirmaatan yaa’iin paartii 2ffaan murtoo fi kallattiiwwan hedduu dabarseera.

Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa(TOI)n ayyaana hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa fi yaa’ii 2ffaa paartichaaf gumaacha taasiseef beekamtiin kennameeraaf.

Waraqaa raga galateeffannaa fi beekamtii Partichi Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa(TOI)f gumaache hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee itti aanaa pirezidaantii Paartichaa Adam Faaraah harkaa fudhataniiru.

Miidiyaaleen biroon, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii, dureeyyiin, hawaasni daldalaa, dhaabbilee dhuunfaa dabalatee qaamoleen gumaacha taasisan waraqaa ragassa galateeffannaas fi beekamtii kennameeraaf.

#Itiyoophiyaa

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI#badhaadhina

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015