Manni maree waloo misoomaa fi guddina hundagalessaaf tumsaan hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Manni maree waloo misoomaa fi guddina hundagalessaaf tumsaan hojjechaa jira
Bitootessa 04/2017 (TOI)- Manni maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Sidaasmaa misoomaa fi guddina hundagalessaaf tumsaan hojjechaa akka jiru ibse.
Manni maree waloo ajandaawwan waloo fi dhimmoota wayitaawaa naannoo irratti mari’ateera.
Walitti qabaan mana marichaa Ballaxaa Sigeeboo, Paartileen dhimmoota naannoo fi biyyaa irratti walitti dhiheenyaan hojjechuun misoomaa fi guddina waloof hojii hojjetan cimsnii ittifufuu akka qaban kaasaniiru.
Manni maree waloo Nageenya, ijaarsa sirna demokiraasii fi bulchiinsa gaariirratti qindoominaan hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Faayidaalee biyyaalessaa, misoomaa fi dhimma nageenyaa irratti paartii biyya bulchu waliin garaagarummaa malee hojjechaa akka jiran kaasaniiru.