Magaalaa Adaamaatti Walakkaa waggaatti namoota kuma 41 caalaniif carraan hojii dhaabbataan uumameera

Bitootessa 02/2017(TOI)-Bara bajataa 2017 walakkaa waggaatti bulchiinsa magaalaa Adaamaatti namoota kuma 41 caalaniif carraan hojii dhaabbataan uumamuusaa waajjirri carraa hojii uumuu fi dandeettii bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Hoogganaan waajjirichaa obbo Abdulqaadir Xayiib, hojiilee carraa hojii uumuu magaalattiitti hojjetaman ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.

Turtii kanaanis bara bajatichaa walakkaa waggaatti damee garagaraan namoota kuma 31’f carraa hojii dhaabbataa uumuuf karoorfamee karooraa ol milkaa’uu dubbataniiru.

Qonna, misooma aannanii, horsiis lukkuu fi kanniisaa, qurxummii horsiisuun akkasumas dameelee Industiriin carraan hojii namoota hedduuf akka uumame kaasaniiru.

Walakkaa waggaatti namoota kuma 41 caalaniif carraan hojii dhaabbataa uumamuu dubbatanii, magalattiitti haroon qurxummii itti horsiifamuu fi gaagurri kanniisaa dargaggootaaf kennamuu eeraniiru.

Saawwan aannanii fi jiddugaleessonni lukkuun itti horsiifaman ijaaramuu kaasanii jiddugaleessonni oomishaas hojjetamuu ibsaniiru.

Inisheetiivota misoomaa bocaman bu’a qabeessa taasisuuf bu’uraaleen misoomaa guutamuusaanii dubbataniiru.

Dhiheessiin Faayinaansii guutamuusaa fi Birriin miiliyoona 264 waldaalee 166’f liqiin kennamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015