Jilli Oromoo baallii sirna walharkaa fuudhinsa Gadaa Booranaa 72ffaa irratti hirmaachuuf Keeniyaarraa  dhufe simatame

Gurraandhala 28/2017(TOI) - Jilli Oromoo sirna walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa  Guraandhala 30/2017 Areero Ardaa Jilaa Badhaasaatti geggeeffamu irratti hirmaachuuf Keeniyaarraa dhufe magaalaa Yaaballootti simatameera.

Hawaasni magaalaa Yaaballoo fi Hooggantoonni Godina Booranaa jila Keeniyaarraa dhufe simataniiru.

Jilli Keeniyaa dhufe kun simannaa taasifameefitti gammaduu himaniiru.

Keeniyaa fi Itiyoophiyaan biyyoota ollaa daangaa dheeraa waliin qaban yoo ta'u, gosti Oromoo Booranaa Keeniyaa sirna Gadaan Booranan akka bulus beekameera.

Abbaan Gadaa isaaniis kanuma Boorana gama Itiyoophiyaa jiraatu ta'uu miseensoonni jila Keeniyaa sina walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Booranaa 72 irratti hirmaachuuf dhufan himaniiru.

Gadaa caalaatti cimsuun  waliti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf,nageenyaa fi misoomaaf yeroo kamiyyuu caalaa hojjechuun fayidaa ummatichaaf oolchuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Sirni walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaan Areero Ardaa Jilaa Badhaasaatti Gurraandhala 30/2017 geggeeffama.

Haaromsa Gadaan booda Abbootiin Gadaa Booranaa baallii Gadaa marsaa 72ffaaf walharkaa fuudhu.

Walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Booranaa, Gadaa Fullaasaa irraa gara Gadaa Mardiidaatti  taasifamu kanaaf guyyoota darban abbootiin Gadaa baallii kennanii fi fuudhan Ardaa jilaa Badhaasaa qubachuun akkaatuma sirna duudhaa Gadaan sirnoota adda addaa raawwachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015