Jallisii Bonaatiin lafti heektaara kuma 72 caalu misoomsuuf karoorfameera - ENA Afaan Oromoo
Jallisii Bonaatiin lafti heektaara kuma 72 caalu misoomsuuf karoorfameera

Guraandhala 28/2017 (TOI)- Naannoo SidaamaattiJallisii Bonaatiin lafti heektaara kuma 72 caalu misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 16 caalu argachuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsame.
Naannichatti marsaa jalqabaatiin oomishni lafa heektaara kuma 61 caalurratti jallisiin misoome walitti qabamaa akka jiru himameera.
Naannichatti misooma jallisiin fayyadama dinagdee qonnaan bulaa mirkaneessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa akka jiru hoogganaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa naannichaa obbo Mammiruu Mokee TOI’tti himaniiru.
Misooma jallisiin Timaatimiin Qaaraa fi Shunkurtii dabalatee kuduraawwaniif xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni aanaa naannawa Hawaasaa yaadasaanii kennan Shankooree Heellisoo akka jedhanitti, lafa heektaara sadii irratti kuduraa garagaraa kilaastaraan oomishaa jiru.
Misooma kanarraa faayidaa gaarii argachuuf galtee fi deeggarsa ogeeyyotaa argachuusaanii dubbataniiru.
Misoomni kun aadaa hojii qonnaan bulaa jijjiiraa akka jiru dubbataniiru.
ሌQonnaan bulaan Hayiluu Hanqaamoo gamasaaniin, Timaatima lafa heektaara sadii irratti misoomsan walakkaa gabaaf dhiheessuu ibsaniiru.