Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen Kennaa akka biyyaatti qabnu misoomsuun fayyadama ummataa mirkaneessuuf hojjetaman milkaa’aniiru-Ministir Caaltuu Saanii

Guraandhala 17/2017 (TOI)- Hojiileen Kennaa naannawatti argaman misoomsuun fayyadama ummataa mirkaneessuuf hojjetaman milkaa’aa akka turan Ministirri Magaalaa fi Bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii ibsan.

Mriin ummataa murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa paartii Badhaadhinaarratti magaalaa Walqixxeetti taa’amaa jira.

Waltajjicharratti kan argaman ministirri adde Caaltuu Saanii, Paartiin Badhaadhinaa kennaawwan akka biyyaatti qabnu misoomsuun fayyadama ummataa mirkaneessaa akka dhufe ibsaniiru.

Kallattiiwwan barootaaf darban kan yaa’ii idilee Paartichaan kaa’aman raawwachiisuuf akka hojjetamu eeranii, hojiirra oolmaasaaf ummata hirmaachisuun gamatti misoomaa fi nageenya waaraaf nihojjetama jedhaniiru.

Hojiiwwan dameewwan garagaraan biyyaattii keessatti hojjetaman hawaasa fayyadamaa taasisaa akka jiran ibsaniiru.

Hojiileen misoomaa carraa hojii uumuu fi bu’ura misoomaa diriirsuuf magaa Walqixxeetti hojjetamaa jiran fayyadama jiraattotaa kan guddisan ta’uu ta’uu fakkeenyaaf kaasaniiru.

Misoomni magaalaa Walqixxee guddachaa akka deemu galii duguuganii walitti qabuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Kantiibaan magaalaa Walqixxee obbo Muraad Kadir hojiileen hawaasummaa fi dinagdee bulchiinsi magaalaa jiraataa hirmaachisuun raawwachaa jiru bu’aa qabatamaa fidaniiru.

Gama hawaasummaan ummata hirmaachisuun harqa qalleeyyotaaf manni haaraan ijaaramuu fi haaromfamuun bal’inaan hojjetameera.

Gama dinagdeenis oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiin hojjetame bu’aa fidaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015