Armeeniyaan hariiroo Dippilomaasii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuu barbaaddi - ENA Afaan Oromoo
Armeeniyaan hariiroo Dippilomaasii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuu barbaaddi

Guraandhala 12/2017(TOI)- Armeeniyaan hariiroo Dippilomaasii gamlamee fi heddumminaa Itiyoophiyaa waliin qabdu bal’isuu akka barbaaddu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Armeeniyaa Sahaak Sargiisiiyaan ibsan.
Ambaasaaddar Sahaak Sargiisiiyaan TOItti akka himanitti, Itiyoophiyaa fi Armeeniyaan hariiroo dippilomaasii waggaa 30 lakkoofsise qabu.
Armeeniyaan hariiroo gamlamee fi heddumminaa Itiyoophiyaa waliin qabdu bal’isuuf fedhii akka qabdu ambaasaaddarichi beeksisaniiru.
Biyyoonni lamaan waliigalteewwan garagaraa mallatteessuu isaanii yaadachiisanii, fuulduras waliigalteewwan hariiroo biyyoota lamaanii cimsan akka jiraatan ibsaniiru.
Dhimmoota dandeettii tumsaa guddisuun danda’amurratti ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaa waliin mari’achuusaanii ibsaniiru.
Keessumaa dubartoota dabalatee kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’an gama deeggaruun waliin hojjechaa akka jiran himaniiru.
Dameewwan Mootummaan isaanii waliin hojjechuu barbaadu keessaa barnoonni isa tokko ta’uu beeksisaniiru.
Haala Kanaan jiddugaleessota barnootaa kalaqaa fi dandeettii olguddattootaa guddisuu danda’an naannawoota Itiyoophiyaa garagaraa keessatti banuuf sochiin jalqabamuu dubbataniiru.