Daandii Ida’amuun yoo qajeelfamne ajandaawwan Paan Afriikaa milkeessuu nidandeenya-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Daandii Ida’amuun yoo qajeelfamne ajandaawwan Paan Afriikaa milkeessuu nidandeenya-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Guraandhala 8/2017 (TOI)- Daandii Ida’amuun yoo qajeelfamne ajandaawwan Paan Afriikaa milkeessuu nidandeenya jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa baniinsa yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa 38ffaa irratti dabarsaniin daandiin ida’amuu man-dhaleen tokkummaa, birmadummaa, kabaja biyyaalessaa fi badhaadhina kan hammate ta’uu eeraniiru.
Yaadmni kun sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan kabajee fi walooma kan cimse ta’uus akkasuma.
Rakkoowwan garagaraa kan keessoo fi alaa hedduun Itiyoophiyaa mudatanis daandii ida’amuun qajeelfamtee imala badhaadhinaarraa akka hindhaabanne ibsaniiru.
Waggoottan darban riifoormii hunda galeessa daandii ida’amuu man-dhaleen qajeelfamuun taasifameen guddina dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa murteessaa fiduushee kaasaniiru.
Gama dinagdeen lafa qotamu dachaan akkasumas galii mootummaa dacha sadiin guddisuushee eeranii, kunis wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Jijjiiramoonni misooma magaalaa, eegumsaa fi misooma hambaa fi kanneen biroon taasifaman dinagdee heddummeessaa dhugoomsuun egeree Itiyoophiyaa kan agarsiisanii fi fayyadama ummatashee kan guddisan ta’uu himaniiru.
Yaadamni Ida’amuu tokkummaa, tumsa, kalaqaa fi badhaadhina waloo ta’uu eeranii, daandii ida’amuun yoo qajeelfamne ajandaalee Paan Afriikaa milkeessuuf nitajaajila jedhaniiru.
Kanaaf duudhaalee Ida’amuutti fayyadamuun tokkummaa, nagaa fi badhaadhina Afriikaa mirkaneessuun akka danda’amu kaasaniiru.
‘Afriikaa egeree kan hojjennu har’a’ kan jedhan ministirri muummee, diyaasporaawwan Afriikaas ta’e biyyoota addunyaa keessa jiraatan haqa, nagaa fi badhaadhina Afriikaaf tumsaan haa hojjennu jechuun waamicha taasisaniiru.