Pirezidaantiin Kibba Afriikaa Siriil Raamaa Foosaa yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa 38ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaantiin Kibba Afriikaa Siriil Raamaa Foosaa yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa 38ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan

Guraandhala 8/2017(TOI)- Pirezidaantiin Kibba Afriikaa Siriil Raamaa Foosaa yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa 38ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru.
Minisirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxa Mollaa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun pirezidaanticha simataniiru.
Hooggantoonni biyyoota Afriikaa garagaraa, barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez fi gaggeessitoonni dhaabbilee idil addunyaa yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa 38ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru.
Yaa’iin kun mata duree “haqni kiisii Afriikaanotaa fi sanyii Afriikaanotaaf” jedhuun har’aa fi boru nitaa’ama.
Yaa’iin kun ajandaawwan Ardichaa garagaraa irratti mari’atee murtoolee nidabarsa jedhameetu eegama.