Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ABUT sochii siyaasaarraa dhorke - ENA Afaan Oromoo
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ABUT sochii siyaasaarraa dhorke

Guraandhala 6/2017 (TOI)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ABUT baatii sadan dhufaniif sochii siyaasaa kamirraayyuu dhorkuusaa ibse.
ABUT Baatii Hagayyaa darbe gamee fi qaamni seerummaan kennameefii akka ture boordichi ibsa baaseen yaadachiiseera.
Paartichi baatiiwwan jahan darban yaa’ii waliigalaa taa’ee gaggeessitoota paartichaa filachiisuu fi yaa’ii walii gala adeemsisuun duratti boordii filannoof beeksisuun irraa eegamullee tumaalee seeraa kaa’aman akka hinkabajne boordichi ibseera.
Haala Kanaan paartichi baatilee sadiif sochii siyaasaa kamiyyuu akka hingoone dhorkuusaa beeksiseera.
Paartichi baatii sadan kennameef kana keessatti sirreeffama yoo hingoone galmeen paartichaa akka haqamu boordichi murteessuusaa xalayaa walitti aansuun barreesseen beeksiseera.